Yugaandaatti hojii kishaafaa hojjechuu irratti dhaabbanni bobba’e gaanfa beeyiladaa caccabaa fayyadamuun kishaafa mijaawaa oomishuun ibsame.
Magaalaa guddoo Kaampaalaatti guyya guyyaan horii qalmaa heedduun nyaataaf waan oolaniif gaanfi beeyilada qalamanii ballinaan gatamee argama.
Kana kan ilaale dhaabbanni Waanz Vision jedhamu keessumaa gaanfa sa’a dhalaa walitti sassaabuun hojii kalaqaa hojjechuu danda’uu gabaasi Afica News ni agarsiisa.

Fireemiin kishaafaa mijaawoo bareedaa fi gatii madaalawaa kan qaban ta’uu ibsuun kunis kosii gara oomishaatti jijjiiruun carraa hojii uumeera jedhameera.
Yuugaandaatti fayyaa ijaa eeguuf shoora guddaa godha jedhameera.
Daraartuu Tarreessaatu qindeesse