Tajaajila seera loogii irraa bilisaa kennuuf abbootiin murtii kutannoon hojjechuu qabu- Aadde Lalisee Dassaalanyi

You are currently viewing Tajaajila seera loogii irraa bilisaa kennuuf abbootiin murtii kutannoon hojjechuu qabu- Aadde Lalisee Dassaalanyi

‎AMN PULS- Sadaasa 5/2018

‎Tajaajila seeraa si’ataafi loogii maleessa hawaasa biraan gahuuf abbootiin murtii kuttannoon hojjechuu akka qaban Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Aadde Lalisee Dassaalanyi ibsan.

‎Manni Murtiichaa tajaajila seeraa si’ataa fi qulqullina qabu fayyadamtoota biraan gahuuf qooda fudhattoota waliin marii taasisaa jira.

‎Uummata biraatti amanamummaa manneen murtii guddisuuf abbootiin murtii kutannoon hojjachuu akka qaban Aadde Lalisee Dassaalanyi ibsaniiru.

‎Amanamummaa kanas mirkaneessuuf adeemsa seeraa loogii irraa bilisaa, bu’a qabeessa, saffisaafi itti gaafatamummaa qabu hawaasa biraan gahuun barbaachisaa akka ta’es dubbataniiru.

‎Hanqinoota manneen murtii keessa jiran furuufis qaamolee qooda fudhattoota waliin hojjechaa akka jiranis kaasaniiru.

‎Manni Murtichaa teeknooloojii “Smart Court moment” jedhamu fayyadamuun tajaajila si’ataa kennaa jiraachuus Aadde Laliseen ibsaniiru.

‎Waltajjii marii kana irrattis raawwiin hojii Mana Murtichaa kan bara 2017 fi kan kurmaana tokkoffaa bara 2018 dhiyaateera.

‎Bayyanaa Taaddasaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply