Humni Qilleensaa Itoophiyaa hidhannoowwan bu’aa teeknooloojii aviyeeshinii ammayyaa ta’an hunda kan hidhate ta’uu Ajajaa Itti Aanaa Humna Qilleensaa Dhimmoota Loojistikii Qilleensaa Meejar Jeneraal Nagaraa Lalisaa himaniiru.
Humni Qilleensaa Itoophiyaa seenaa isaa keessatti humnoota qilleensaa Afrikaa keessatti adda duree ta’an keessaa tokko ta’uu ibsuun, ergama idil-addunyaa fi biyyaalessaa hedduu gootummaadhaan raawwachuu isaa ibsaniiru.
Dhaabbatichi xiyyaarota haaressuuniifi fooyyessuun ammayyeessuu bira darbee meeshaalee aviyeeshinii ammayyaa hidhachiisuun qophii lolaa isaa mirkaneessuu himan.
Meejar Jeneraal Nagaraa Lalisaa, xiyyeeffannaan misooma humna namaa irratti taasifame injinarootaa fi teeknishaanota aviyeeshinii gahumsa qaban hedduu akka oomishaman taasiseera jechuusaanii Odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI irraa arganne ni mul’isa