‎Magaalotni fakkeenya badhaadhinaafi giddu gala misoomaa akka ta’an hojjatamaa jiraachuu ibsame

You are currently viewing ‎Magaalotni fakkeenya badhaadhinaafi giddu gala misoomaa akka ta’an hojjatamaa jiraachuu ibsame

‎AMN PLUS- Sadaasa 6/2018

‎Misoomni Magaalotaa kan mirkanaa’uu gaggeessummaa hoggansi jijjiiramaa kennuufi Hirmaannaa Jiraattotaani jedhan Ministirri ministerra Misooma Magaalotaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii.

‎Magaalonni giddu gala misoomaafi Fakkeenya Badhaadhinaa akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuus Aadde Caaltuu Saanii himaniiru.

‎Akka biyyaatti Magaalonni Akka ammayyaa’aniif Bu’uuraalee Misoomaa guuttatanii , hojiin Misoomaa, siyaasaafi Bulchiinsa gaarii Akka keessatti mirkanaa’uuf hojjetamaa jiraachuun himaniiru.

‎Aadde Caaltuun, wayita Fooramiin Magaalota Itoophiyaa 10ffaan kabajamu kanattis waadaa keenya Haaromsaa Magaalota Jiddugala hojiileen Namooma irratti xiyyeefate keessatti hojjetamu Akka ta’uufis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

‎Fooramiin Magaalota Itoophiyaa 10ffaan Naannoo Affaar Magaalaa Samaraa loogiyaatti Kabajamaa jira.

‎Fooramii kana irratti Magaalonni 150 olii fi dhaabbbileen 10 hirmaachaa kan jiran ta’uun ibsameera.

‎Sisaay Dirribaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply