Pirezidaantii Naannoo Affaar Awwal Aarbaa Giddu Gala Tajaajila Iddoo tokkoo Masoob (Kooraa) eebbisuun naannichatti hojii eegalchiisaniiru.
Giddugalichi keenniinsa tajaajilaa saffisiisuu, deddeebii abbaa dhimmaa hambisuu, tajàajila iftoomina qabuufi haqummaan guutame lammiileef kennuu keessatti hiikoo guddaa kan qabu ta’uun himameera.
Tajaajjilli iddoo tokkoo “Masoob/Kooraa” naannichatti har’a eebbifame kun dhaabbilee federaalaafi naannichaa filataman Jaha keessatti tajaajiloota 13 iddoo tokkotti kan kennu ta’uu Itti Gaafatamaan waajjira tajàajila iddoo tokkoo Naannoo Affaar Kaliil Alii himaniiru.
Sagantaa hojii eegalchiisuu kana irratti Komishinara komishinii Siivil Sarvisii Komishinar Makuriyaa Hayilee (PhD), Pirezidaantii Naannoo Affaar Hajjii Awwal Aarbaa, Ministira Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu dabalatee Hoggantoonni olaanoon Naannichaa argamaniiru.
Sisaay Dirribaatu gabaase