Yaadamni Ida’amuu Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) fidan sirnoota bulchiinsaa jijjiiramaan dura turan keessatti federaalizimii hojiitti hiikuuf hanqinoota turan furuuf akka fayyadu Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-Addunyaa Obbo Tarreechaa Bulchaa ibsaniiru.
Obbo Tarreessaan turtii AMN PLUS waliin taasisaniin, Sirni Federaalizimii bara 1984 mootummaa ce’umsaatiin Itoophiyaatti jalqabame bara Mootummaa ADWUI hojiirra oolmaa irratti hanqinootni gurguddoon kan keessatti mul’atan ta’uu yaadachiisaniiru.
Erga jijjiiramni siyaasaa dhufee as dammaqiinsi dhalootaa gama siyaasaan, diinagdee fi hawaasummaan uumamuusaa hayyuun siyaasaa kun himaniiru.
“Mootummaan ammaa hanqina hojiirra Oolmaa Federaalizimii irratti ture furuu bira darbee falaasama mandhalee ta’ee fi haala qabatamaa addunyaa giddu galeeffate: falaasama Ida’amuu uummatee Itoophiyaa bifa haaraan boceera” jedhan.
Sabaa fi sablammootni naannoo ta’uuf gaafataa turan mootummaa jijjiiramaan mirgi isaanii kabajamee naannoo ta’uu isaanii Obbo Tareechaan dubbataniiru.
Gama kaaniin, haaromsi dhaabbilees mirkanaa’uusaa ibsaniiru.
“Sab-daneessummaan amma jiru kun caalaatti kabajamuu kan danda’u marii biyyaalessaa keessatti hunduu qooda yoo fudhateedha” kan jedhan Obbo Tareechaan; “tokkummaa keessatti garaa garummaa tikfannee finxaalessumaa kaleessa uumame sana hambisuun saboonummaa Itoophiyummaa gabbifachuu qabnas” jedhan.
Lammiileen guyyaa kana wayiyita kabajan tokkummaafi hariiroo isaan gidduu jiru haala cimsuu danda’uun ta’uu akka qabu hayyuun kun dhaamaniiru.
Guyyaan ayyaana saboota sab-lammootaafi uummattoota Itoophiyaa sadaasa 29 Bara 2018 Naannoo Giddu Galeessa Itoophiyaa, Magaalaa Hosaa’inaatti kabajama.
Bayyanaa Taaddasaatu gabaase