Biddeen suuqii shaqaxaaleetti gurguruun dhorkame

You are currently viewing Biddeen suuqii shaqaxaaleetti gurguruun dhorkame

AMN PLUS – Sadaasa 8/2018

Magaalaa Finfinneetti biddeen suuqiiwwan meeshaalee shaqaxni itti gurguraman keessatti gurguruun dhorkamuu Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaa Finfinnee beeksise.

Hoji Gaggeessaa Itti aanaan Abbaa Taayitichaa Obbo Ingaa Irqataa AMN FM96.3 waliin turtii taasisaniin suuqiiwwan meeshaalee keemikaala qaban akka saamunaa fa’aa keessatti gurguraman keessatti biddeen gurguruun fayyaa hawaasaaf hamaa ta’uu himan.

Kanaafis kana booda suuqiiwwan kanneenitti biddeenaafi daabboo gurguruun dhorkaa ta’uu ibsan.

Biddeeniifi Daabboon manneen nyaataa, manneen daabboo, mana biddeen gogaaf jedhamanii banaman fi manneen mi’eessituu qofaatti akka gurguramuu qaban eeran.

Daldaltoonni bakka jedhameen alatti gurguran irratti adabbii barsiisaan akka irratti fudhatamu ibsuun hawaasnis qaamolee gocha akkasii irratti bobba’an yoo argu abbaa taayitichaaf eeruu akka kennu gaafataniiru.

Sisaayi Nibratuutu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply