Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasaahun Gofee konfiransii midhaan dheedhii fi dibataa Ergitoota Midhaan deedhiifi dibataa
Itoophiyaafi Ministeera Daldalaafi Walitti-hidhamiinsa Naannawaatiin qophaa’erratti ergaa dabarsaniiru.
konfiraansichis Mata duree “Cancala sonaa cimsuun carraawwan gabaa idil-addunyaa bal’isuu” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, qooda fudhattoonni idil-addunyaa, oomishtoonni, fichisiiftonniifi ergitoonni, dhaabbileen cancala sonaa fi agro-piroosasiingii irratti hojjetan hirmaataniiru.
Bara bajataa 2017 sektaroota humni Itoophiyaa itti mul’ate keessaa tokko kan ta’e dame al-ergiitiin doolaara biiliyoona 8.3 argachuun keenya ni yaadatama.
Isa keessaa midhaan dheedhiifi dibataa doolaara miiliyoona 610 galchuun bunatti aanee kan eeramudha jedhaniiru.
Bara kanas karoora keenya caalmaan milkeessuuf qulqullina oomishaa eegsisuun cinaatti carraawwan gabaa idil-addunyaa babal’isuurratti ni hojjenna jedhaniiru.
Oomishtoonni fi dhaabbileen al-ergii biyya keenyaa Waliigaltee Naannawaa Daldalaa Ardii afriikaa hojjiirra oolchuu keenyaafi Miseensummaa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa milkeessuutti dhiyaachuu keenya hubachuun carraawwan gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf si’oominaan akka hojjetan dhaamaniiru.
Dabalataanis rifoormii diinagdee goorootiin carraawwan abbootii qabeenyaa biyya alaatiif banaman beeksisuufi walta’insaan hojjechuun walta’insaan faayidaa Itoophiyaa akka mirkana’u hubachiisaniiru.