Itoophiyaan xiyyaarota ‘Airbus’ A350-900 dabalataa 6 bituuf ajajde

You are currently viewing Itoophiyaan xiyyaarota ‘Airbus’ A350-900 dabalataa 6 bituuf ajajde

AMN PLUS- Sadaasa 9/2018

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota ‘Airbus’ A350-900 dabalataa 6 bituuf waliigaltee mallatteesse.

Waliigaltichas Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Masfin Xaasoofi Itti Aanaan Pirezidaantii Dhaabbata ‘Airbus’ Benitoo Seent Egzupeerii Agarsiisa Xiyyaaraa Dubaayi tibbana gaggeeffamaa jiru irratti mallatteessaniiru.

Gosti xiyaara A350-900 kanneen duraan turan irraa boba’aa gubatuufi hamma kaarboonii qilleensa seenu %25 kan xiqqeessu ta’uu odeeffannoon Daandii Qilleensichaarraa arganne ni mul’isa.

Miseensa ‘Star Alliance’ kan ta’e Daandiin Xiyyaaraa Guddichi Afriikaa kun, kana dura gosa xiyyaaraa akkasii 22 simatee balalii ittiin geggeessaa jira.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota dabalataa kanneeniin gahumsa balaliisaa guddisuufi dursummaa industirii Aviyeeshinii Afriikaa caalmaan cimsuuf akka isa fayyadu himameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply