AMN – Muddee 19/2017
Qabeenyi waliigalaa Baankii Daldalaa Itoophiyaa Qarshii tiriliyoona 1.9 kan gahe ta’uu pireezidaantiin baankichaa Obbo Abbee Saanoo ibsan.
Haaromsi diinagdee gooroo dhiyeenya kana hojii irra oole baankicha balaa irratti aggaamamee ture irraa gara guddina olaanaatti ceesiseera jedhan.
Pireezidaantichi ibsa isaanii keessatti liqiin baankichi kanaan dura kenne rakkoo guddaa irratti fidee kan ture ta’uu isaa yaadachisaniiru.
Baankiin Daldalaa Itoophiyaa yeroo ammaa gama hundaan haala gaarii irra akka jiru eeruun, haala mijataa uumameen cimaa fi dorgomaa taasisuun bu’aa isaa guddisuuf akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Qabeenyi waliigalaa baankichi amma qabu qarshiii tiriliyoona 1.9 yoo ta’u, qusannaan waliigala immoo qarshii tiriliyoona 1.4 akka gahu kan ibsan ta’uu TOIttu gabase.