Shaampiyoonaa Biskileetii Afriikaa Keeniyaa magaalaa Kuwaaleetti geggeeffamaa jiruun Tsiggee Kahisaayi Warqee jalqabaa Itoophiyaaf argamsiiste.
Tsiggeen reefu umrii ganna 17 taate dorgommii kana ga’umsa ajaa’ibaan erga injifattee booda turtii AMN waliin taasisteen “Biyya koof Warqee argamsiisuun hedduu na boonseera” jechuun dubbatteetti.
Raaheel Gooyitoom ammoo 4ffaan xuruu Riipportarri keenya Yoonaas Mollaa Magaalaa Kuwaaleetti argamu gabaaseera.