‎Qusannoofi liqiin bu’uura guddina diinagdeefi hawaasummaati- Komishinicha

You are currently viewing ‎Qusannoofi liqiin bu’uura guddina diinagdeefi hawaasummaati- Komishinicha

‎AMN PLUS-Sadaasa 11/2018

‎Qusannoofi liqiin bu’uura guddina diinagdeefi hawaasummaa akka ta’e Komiishinarri Komiishinii Hojii Gamtaa Federaalaa Geetinnat Taaddasaa ibsan.

‎Baadiyyaa ceesisuufi ce’umsa qonnaa mirkaneessuun guddina diinagdee biyyaa utubuu keessatti ga’ee olaanaa akka qabus ibsameera.

‎Guyyaan qusannoofi liqii hojii gamtaa akka addunyaatti yeroo 77ffaaf akka Magaalaa Finfinneetti yeroo 34ffaaf kabajameera.

‎Baranas dhaadannoo “Qusannoofi Liqiin Hojii Gamtaa Hawaasa Badhaadhummaatti Ceesisuuf” jedhuun kabajameera.

‎Qusannoofi liqiin hojii gamtaa rakkoo diinagdeefi hawaasummaa qofaan furachuu hin dandeenye gamtaan furachuu kaayyeffatee hojjetaa akka jiru ibsameera.

‎ Miseensonni beekumsa qabeenyaafi humna qaban walitti fiduun bu’aa caalu galmeessuuf kan hojjetan ta’uus ibsameera.

‎Dabalataanis, Hojiin Gamtaa misoomaafi eegumsa naannoo akkasumas jijjiirama qilleensaa to’achuu keessatti hirmaachuun Guddina biyyaaf bu’uura ta’uus himameera.

‎Abdiisaa Fufaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply