Badhaasni miidiyaalee biyyoota miseensa dhaabbata IGAD ALAtti Sadaasa 29 hanga 30tti miidiyaalee gabaasa sirriifi dhiibbaa gaarii uuman hojjechaa turaniif kan kennamu ta’uu ibsame
Badhaasni kun dhimmoota siyaas-diinagdeefi hawaasummaa naannawicha irratti fulleeffachuun gabaasa gaariifi qulqullina qabu hojjetaniif akka kennamu ibsameera.
Badhaasni Miidiyaa IGAD bara 2025 rakkoo jijjirama qilleensaa qolachuufi dandamachuuf hojii naannawwa biyyoota miseensa IGAD ta’an keessatti hojjetamaa jiruu irratti gaazexeessittootaa fi miidiyaalee gabaasa gaariifi bu’aa qabeessa ta’e hojjettaniif kan kennamu akka ta’e Itoophiyaatti bakka bu’aan dhaabbata IGAD Ababaawu Bihoneny ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniru.
Badhaasni kun gaazexeessitoota damee raadiyoo, TV, barruulee, diijitaal miidiyaa footoo jornaalizimiifi kanneen biroo irratti hojjataniif kan kennamuu akka ta’e obbo Ababaawu himaniru.
Mootummaa Itoophiyaa bakka bu’uun ibsa miidiyaaleef kan kennan dubbii himaan ministeera dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon, Rakkoo jijjirama qilleenssaa qolachuufi dandamachuuf hojii misooma magariisaa Biyyoota miseensa IGADf fakkeenya ta’u hojjechuu ishee himaniru.
Itoophiyaan gama kanaan bu’aa galmeessaa jirtu bu’uura taasifachuun sagantaan badhaasaa kun Finfinneetti akka qophaa’u taasifamuus Ambaasaaddar Nabiyaat himaniru.
Badhaasni kun Gaazexeessitootaafi miidiyaalee hojii qulqullina qabu hojjatan keessumaa ammoo dhimmoota IGAD nagaa, misooma, jijjiirama qilleensaa, obbolummaa biyyootaa, balaa hanqina roobaa, wabii nyaata fi biroo irratti xiyyeeffachuun gabaasaalee dhiibbaa uuman hojjetaniif waggaa waggaan kan kennamuudha jedhameera.
Sagantaan Badhaasa Miidiyaa IGAD bara 2023 tti kan jalqabe yoo ta’u barana yeroo sadaffaaf kan kennamu akka ta’e ibsameera.
Miidiyaaleefi gaazexeessittoota Odeeffannoo qulqulluu fi bu’a qabeessa ummataaf dhiyeessan jajjabeessuuf kan qophaa’u akka ta’es hubatameera.
Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase.