Jijjiiramaa booda manneen kuma 380 ijaaruun fayyadamtootaaf dabarsineerra- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Jijjiiramaa booda manneen kuma 380 ijaaruun fayyadamtootaaf dabarsineerra- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS- Sadaasa 13/2018

Magaalaa Finfinneetti jijjiirama booda manneen kuma 380 ijaaruun fayyadamtootaaf dabarfamuu Kantiibaa Adaanech Abeebee himan.

Aadde Adaanech har’a manneen waliini Mandara Ashaaraa 1,287 eebbisuun fayyadamtootaaf dabarsuu eeran.

Gaaffii hawaasummaa fi diinagdee jiraattootaa deebisuuf kan dandeessisan hojiileen bu’aa qabeessi heddu hojjetamaa jiru jedhan.

Keessattuu rakkoo mana jireenya jiraattoota furuuf waggoottan jijjiiramaa darbe manneen kuma 300 fi kuma 80 ijaaruun fayyadamtootaaf dabarsuu ibsaniiru.

Kunis jijjiiramaan dura wagga 17 manneen kuma 100 fi kuma 79 caalmaa qaba jedhan.

Har’a manneen dabarfaman, gamoowwan 24, kan darbii 11 hanga 18 qaban naannawa jireenyaaf mijataa waliin ijaaramuu eeraniiru.

Qajeeltoo Kalaquu fi saffiisuun piroojkektoota milkeessine keessaa piroojeektiin kun olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Manneen Waliin jireenyaa kunneen kan argaman Addabaabaayii Jarman, Ayarxeenaa fi naannawaa Giraaritti ta’uu eeraniiru.

Gamoowwan eebbisne mana jireenyaa qofa osoo hin taane naannawaa jireenyaa mijataa dabalataatis jedhan.

Kunis bakka tapha daa’immannii, dirree kubbaa, bakkewwan bashananaa, bakka dhaabbii Konkolaataa fi kanneen biroo kan of keessatti qabate ta’uu himaniiru.

Pirojeektiin kun ijaarsa irra darbee carraa hojii fi ce’umsa beekumsaa dargaggootaaf argamsiisuun, dandeettii ijaarsaa uumeera jedhan Aaadde Adaanech.

Dabalataniis qulqullinaa fi ariitii yeroo walfakkaataatti mirkaneessuu akka danda’amuu mul’iseera jedhan.

Manneen kunneen gatii madaalawaan hojjettoota baankii Daldala Itiyoophiyaaf dabarfamuu ibsuun, gama tokkoon hanqina mana jireenyaa furuuf furmaata kan uume ta’uu dubbataniiru.

Gama biraan immoo fandii misooma manaa kan uumee akka ta’ees eeraniiru.

Kantiibaa Adaanech milkaa’ina hojii kanaaf qaamoolee gahee isaanii bahatan galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply