Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD ), Ministira Muummee Itaalii Joorjiyaa Meeloonii waliin mari’atan.
Yaa’ii biyyoota garee 20 cinaatti marii koo isa xumuraa kan ta’e Ministira Muummee Itaalii Joorjiyaa Meeloonii waliin dhimmoota waloorratti mari’anneerra jedhan Dooktar Abiyyi fuula miidiiyaa hawaasummaa isaaniin.
Dhimmoota ijoo naannawaa fi idil addunyaarratti mari’achuu ibsa.