Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaasee Yaa’ii Gamtaa Afriikaa- Gamtaa Awurooppaa (AU-EU) 7ffaa irratti hirmaachuuf Angoolaa, magaalaa Luwaandaa gahaniiru.
Yaa’ii Gamtaawwan lamaanii Angoolaatti guyyaa 2’f adeemsifamu kana irratti hirmaachuuf Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siiril Raamaafoozaa fi Pirezidaantiin Mana Maree Awurooppaa Antooniyoo Koostaa akkasumas anga’ootni biroon Luwaandaa seenaniiru.
Yaa’iin kun wayita Angoolaan guyyaa Bilisummaa waggaa 50ffaa Kolonii jalaa baate itti kabajattutti adeemsifamuun adda isa taasisa jedhameera.
Yaa’ichi mata duree “Walooma Mikaa’aa Nagaafi Badhaadhina Cimsuu” jedhuun akka adeemsifamu ibsameera.
Madda: POA