Singaapoor Imbaasii ishee Afriikaa Bahaaf kan jalqabaa ta’e Finfinneetti banuuf akka jirtu beeksiste. Singaapoor Imbaasiin Itoophiyaa Finfinneetti banuuf jirtu akka Afriikaatti, Afriikaa Kibbaafi Ijiptitti aanee isa 3ffaa akka ta’e beekameera.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) fi gitni isaanii Singaapoor Laawuransi Woongi kaleessa marii Finfinneetti taasisan hordofee,imbaasiin Singaapoor akka banamu ibsameera.
Ministirri Daldalaa Singaapoor Finfinnee turuun haala ittiin dhimmoota tarsiimawaa garaa garaa irratti Itoophiyaa waliin hojjatan kan mari’atan akka ta’e ibsameera.
Imbaasiin Singaapoor Finfinneetti banamuun, hariiroon biyyoota lamaanii qabatamaan akka hojiitti hiikamaa jiru kan agarsiisu ta’uu ibsameera.
Biyyattiin biyyoota Afriika waliin hariiroo michoomaa cimsuuf, Gamtaa Afriikaa waliin hojjachuufi carraawwan waloomaa biroo irratti illee xiyyeeffachuuf akka haala mijataa uumu ibsameera.
Itoophiyaafi Singaapoor hariiroo isaanii daran cimsuun dhimmoota misoomaa garaa garaa irratti waliin hojjachuu isaanii itti fufuuf, muummeewwan ministiraa lamaan kaleessa waliigalteee mallatteessuun isaanii ni yaadatama.
Madda: CNA fi Channel NewsAsia