Balaa lolaa Kibba Taayilaanditti mudateen lubbuun namoota 33 yoo darbu, namoota akka malee miidhaman baraaruuf helikooftarri garasitti ergamuuf akka jiru anga’ootni biyyattii ibsaniiru.
Balaan hammaataa akkasii waggoota hedduu booda mudachuu gabaafameera.
Magaalaan Haat Heeyi jedhamtu balaa Kanaan gara malee waan hubamteef, miidhamtootaaf soorata geessuufi kanneen gara malee miidhaman achii baasuuf bidiruuwwaniifi geejjiba qilleensaa fayyadamuuf akka dirqaman qondaaltotni fayyaa magaalichaa ibsaniiru.
Balaa kanaa yoo xiqqaate namootni miliyoona 2 fi Kuma 700 caalan akka miidhaman eerameera.
Lolaan kun bulchiinsota Taayilaand 9 fi biyya ollaa taate, Maaleezhiyaattis bulchiinsota 8 kan waliin gahe yoo ta’u, biyyoota lamaan keessatti namoota Kuma 45 ta’an qe’ee irraa akka buqqisuu malus ibsameera.
Sababaa lolaa hamaa kanaan lafti sigigaachuun Indooneezhiyaatti namootni 13, Maaleezhiyaatti namni tokko lubbuu isaanii dhabuu Reuters gabaaseera.