Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti bara baajataa 2018tti ji’oota jalqabaa afranitti konkolaataa fe’umsaa gogaa kuma 5fi 203 irratti sakattaa’iinsi nagahee akka adeemsifame Biiroon Galiiwwanii magaalaa Finfinnee beeksise.
Sakatta’iinsi nagahee kunis kallattii hundaanuu konkolaataawwan fe’umsa gogaafi uummataa xixiqqaa Finfinnee seenaniifi keessaa bahan akkasumas magaalaa keessatti socho’an irratti akka taasifame ibsameera.
Konkolaatawwan fe’umsaa 907 osoo nagahee hin kutin socho’anii kan to’ataman yoo ta’u, konkolaataawwan 1039 nagahee akka muratan yoo taasifaman, Konkolaataawwan 997 irratti tarkaanfin bulchiinsaa akka fudhatame Daayirektarri Komunikeeshinii Biiroo Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee Obbo Sawunnat Ayyalaa AMN Dijitaaliif ibsaniiru.
Sakatta’iinsa taasifameen konkolaatawwan fe’umsaa gogaa meeshaalee fe’an nagahee kutataniin galiin Birrii miliyoona 954 fi kuma 803 akka argame hogganaan kun ibsaniiru.
Konkolaataawwan nagahee osoo kin kutatin socho’an irratti tarkaanfiin fudhatame cimee akka itti fufu ibsaniiru.