Shakkamtootni maallaqa sobaa biyya alaa qabatanii socho’aa turan afur to’atamuu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
Namootni Bariwaa Kabbadaa, Saamu’eel Mulugeetaa, Mulaat Abbaayiifi Jaakoo Peenzoo jedhaman kunneen Kutaa Magaalaa Laaftoo Aanaa 6 keessatti mallaqa kana waliin qabamuu eerameera.
Maallaqa liqeeffate, doolaariin akka deebiseef kan dubbatu, hiriyaan Mulaat, yeroo baankiitti jijjiirrachuu dhaqu, maallaqa sobaa akka ta’e itti himameera.

Sababa kanaan eeruu poolisiif kennameen yoo sakatta’iinsi taasifamu Yuuroo sobaa 1000 argameera.
Akkuma sakatta’iinsi bal’achaa adeemeen maallaqni sobaa dabalataa doolaara 7000 ta’u, shakkamtoota waliin kan qabame ta’uu poolisiin ibseera.
Lammiin biyya alaa Jaakoo Peenzoo jedhamus gocha yakkaa kanaan shakkamuun kanneen to’ataman keessaa ta’uu ibsameera.
Hawaasni sochii maallaqa seeraan alaatiin taasifamu ittisuuf qaamoleen nageenyaatti eeruu akka kennuun gocha kana akka ittisu Qajeelchi Waliigalaa Poolisii Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesseera.