Naannoo Kibba Itoophiyaatti weerara vaayirasii Maarbarg ittisuuf hanga ammaatti maaltu hojjetame?
Erga namni jalqabaa Maarbrgiin qabame argamee namoota 73 vaayirasichaan akka qabaman shakkamaniif qorannoon laaboraatoorii taasifameera.
Namoonni 11 vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’eera.
Dhukkubsattoonni kunneen yaala fayyaa barbaachisu argachaa kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa 6 lubbuun isaanii darbeera.
Kanneen hafan 5 dhaabbilee fayyaatti yaala argachaa jiru.
Namoonni 349 namoota mallattoo dhibee kanaa mul’isan waliin tuttuqaa qaban adda baafamuun hordoffiin taasifamaa jira.
Isaan keessaa 119 yeroo hordoffii isaanii xumuranii tursiisa irraa gad lakkifamanii jiru.
Yeroo gabaabaa keessatti weerara kana ittisuu fi to’achuuf gareen atattamaan deebii kennu dhaabbilee fi ogeessota adda addaa of keessaa qabu hundeeffameera.
Hojiin ittisaa fi to’annoo cimee itti fufeera.
Hojiin sakatta’iinsaa sadarkaa hawaasaatti gaggeeffamaa jira.
Hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira.
Wal’aansi namoota vaayirasichaan qabamaniif kennamaa jira.
Hojiin namoota vaayirasichaan wal qabatee tuttuqaa qaban adda baasuu hojjetamaa jira.
Sirni Bulchiinsa Taateewwanii (Incident Management System) sadarkaa biyyaalessaafi naannootti hundaa’uun hojiiwwan deebii atattamaa barbaadan qindeessaa jira.
Gosa vaayirasichaa adda baasuuf gahumsi qorannoo laabraatoorii guddisuu danda’u ijaarameera.
Meeshaan qorannoo laabraatoorii socho’aa fi galteewwan barbaachisoo biroo gara naannichaatti ergamaniiru.
Saamudni sassaabame hunduu fageenya dheeraa osoo hin geejjibsiifamin bakka sanatti qoratamee jira
Naannolee weerarri kun itti mudatetti wiirtuuwwan adda baasan hundeessuun humna namaa leenji’ee fi qabeenya yaalaa barbaachisaa ta’e qindeessuun dhukkubsattootaaf kunuunsa fayyaa cimaan kennamaa jira.
Wal’aansa fooyya’aa dhukkubsattootaaf kennuudhaaf biyyoota weerarri kun kanaan dura mudate waliinis muuxannoo wal jijjiiruun gaggeeffameera.
Muuxannoo argame bu’uura godhachuun qorichii fi talaalliin kanaan dura qoratamee milkaa’e adda baafamee gara biyyaatti galfamee dhukkubsattootaaf akka dhiyaatu taasifamaa jira.
Miseensonni hawaasaa namoota vaayirasichaan qabaman waliin tuttuqqii qaban carraa dhibee kanaan qabamuu isaanii hir’isuuf qorichi farra vaayirasii Remsedevir Itoophyaa seeneera.
Hanga ammaatti ogeessota fayyaa fi dhukkubsattoota sadarkaa olaanaan saaxilamuu malu jedhaman 16 bira gahuun danda’ameera.
Naannolee biyyattii dhukkubni kun itti hin argamne keessatti, yoo dhukkubni kun gara fuulduraatti mudate wal’aansa kennuudhaaf, humna namaa, qabeenyaa fi meeshaaleen biroo akka guutaman taasifameera.
Tatamsa’ina dhibee kanaa ittisuuf hojii sakatta’iinsaa fi tuttuqaa hordoffii hawaasa waliin hojjetamaa jiruun alatti, bakka seensaa fi ba’umsaa, buufata xiyyaaraa, akkasumas namoota biyya seenanii fi bahan naannoo weerarri vaayirasichi itti argameetti buufata sakatta’iinsaa dhaabuun hojiin sakatta’iinsaa bal’aan hojjetamaa jira.
Kana malees, duula pooliyoo biyyoolessaa torbeewwan dhufan keessatti adeemsifamu waliin wal qabatee hojiin sakatta’iinsaa fi tuttuqaa hordofuu bal’inaan ni raawwatama.
Maddi – Ministeera Fayyaa