Jaakaartaan guddina magaalaan addunyaarraa sadarkaa 1ffaa yoo qabattu Tookiyoon 3ffaatti gadi buute- UN

You are currently viewing Jaakaartaan guddina magaalaan addunyaarraa sadarkaa 1ffaa yoo qabattu Tookiyoon 3ffaatti gadi buute- UN

AMN PLUS – Sadaasa 17/2018

Magaalaan guddoo Indooneezhiyaa, Jaakaartaan jiraattota Miliyoona 33’n magaalota addunyaa gurguddoo akka Tookiyoo darbuun guddina magaalaan sadarkaa 1ffaa qabachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti gabaasni haala guddina magaalotaa qoratu beeksise.

Akka gabaasni UN Damee Dhimmoota Diinagdeefi Hawaasummaa guddina magaalotaa qoratu agarsiisutti ALA Bara 2025 kanatti, baay’ina uummata magaalota keessa jiraataniin, Magaalaan guddoon Jaappaan Tookiyoon Sadarkaa jalqabaa irra kan turte yoo ta’u, amma garuu Jaakaartaan akka durfamte ibseera.

Magaalota gurguddoo addunyaa 10 keessaa 9 ardii Eeshiyaa keessatti argamuu kan mul’isu gabaasni kun, bara 2050tti jechuunis waggoota 25 har’aa magaalaan guddoo Baangilaadesh, Daakaan magaalaa guddinaan addunyaarraa sadarkaa jalqabaa irra teessu akka taate xiinxaleera.

Magaalotni gurguddoo Saglan kunis; Magaalaa guddoo Indiyaa Niiw Deelhii ishee tokko yoo taatu jiraattotni ishees Miliyoona 30.2, Shaangaay Chaayinaa (29.6 million); Guwaanzhuu, Chaayinaa (Mil 27.6); Maaniilaa, Filiippiinsi (Mil 24.7 ); Kaalkaataa, Indiyaa (Mil 22.5) akkasumas Se’uul Kooriyaa Kibbaa (Mil 22.5) akka ta’an gabaasa Kanaan eerameera.

Magaalota addunyaa gurguddoo 33 keessaa, 19 Eeshiyaatti akka argaman UN ibseera.

Magaalaan Jaakaartaa ALAtti bara 1975tti baay’ina jiraattotaa Miliyoona 10 irraa bara 2025tti dachaa 4’n guddachuun Miliyoona 33 ol qabattee sadarkaa duraa akka fudhatte UN addeesseera.

Magaalota gurguddoo 10 keessaa, Ijipti biyya Afriikaa, magaalaa Kaayiroo Jiraattota Miliyoona 32 qabduun magaalota Eeshiyaatti makamte akka taates beekameera.

Magaalaan Biraazil, Saa’oo Pooloon jiraattota Miliyoona 18.9’n magaalota Laatiin Ameerikaa guddinaan dursiti. Magaalaan Naayijeeriyaa, Leegos, magaalota Afriikaa Sahaaraan gadii saffisa olaanaan guddachaa jiran keessaa ta’uu ibsameera.

Baay’inni uummataa rakkoo kan itti uume Indooneezhiyaan odoola Bonre’oo bakka Nusaantaaraa jedhamutti magaalaa guddoo biraa ijaaraa akka jirtu ibsameera.

Sanas ta’u baay’inni jiraattota Jaakaartaa bara 2050’tti Miliyoona 10’n akka dabaluu malu tilmaamamuu Al-Jazeera gabaaseera.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply