Mootummaan jijjiiramaa akka aangootti dhufeen, mirgi hiree ofii murteeffachuu fi of-bulchuu saboota, sab-lammootaa fi uummattoota Itoophiyaa mirkanaa’uu Kaadhimamaa Dooktaraa Tarreechaa Baalchaa dubbatan.
AMN PLUS waliin turtii taasisaniin tokkummaa biyyaalessaa karaa eegameen mootummoonni naannolee dhimma ofii bilisaan murteeffachuu akka danda’an taasifamuu ibsaniiru.
Haa ta’u malee, Sirna federaalizimii Itoophiyaan waggoota 30 oliif shaakalaa turtus hojiirra oolmaan sirnichaa hanqina gurguddaa akka qabu kaasan.
Sabootni, Sablammootniifi Uummattootni Itoophiyaa mirga heerri kenneef bifa hin taaneen gara fiixeetti baasanii tokkummaa biyaalessummaa warri dagatan jiraachuus Obbo Tarreechaan yaadachiisaniiru.
Barsiifanni hamaan yeroo sana turee fi dhaabbilee dimokiraatessuu dadhabuun hudhaawwan dimokiraasii hojiirra oolchuu irratti biyya mudatan ta’uu Obbo Tarreechaan ibsaniiru.
Gama biraan, “Mootummaan Jijjiiramaa karaa falaasama Ida’amuutiin siyaasni giddu galeessaa akka hordofamu taasiseera” jedhan.
Uummanni Itoophiyaa Tokkummaa jaalala, wal hubannaa, seenaa fi seera irratti hundaa’e tolfachuun uummata jiraataa turee fi ammas itti jiru ta’uu kaasaniiru.
“Addumatti ammoo sadaasa bara 1987 sanada waliigaltee isaa kan ta’e heera mootummaa yayyabachuun waliin jireenyi isaa kan yoomiyyuu hin diigamne ta’uu uummata mirkaneessedha” jedhan Obbo Tarreechaan.
Guyyaa sanadni seena qabeessi kun itti ragga’e bara baraan kabajaa waggaa 20 gahuun kun wanta adda isaa taasisu ibsaniiru.
Namuu waliin jireenya saboota, sab-lammootaa fi uummattoota Itoophiyaaf bu’uura kan ta’e duudhaalee waliin jireenya tumsan sirnaan jabeeffachuun, waliin jireenyi isaanii ammaan dura ture tokkummaa biyyaalessaa fiduu akka qabu beekuun akka guyyaa kana kabajuu qaban Obbo Tareechaan dhaamaniiru.
Bayyanaa Taaddasaatu gabaase