Gulaallii Waancaa Afriikaa U-17 zoonii biyyoota Bahaa fi Giddugaaleessa Afrikaa umrii waggaa 17 gadiin Itoophiyaan Keeniyaa 1-0’n injifatte.
Daawwiit Kaasaan goolii injifannoo yoo lakkoofsisu taphoota 4 irratti goolii 7 galmeesseera.
Itoophiyaan ramaddii ‘A’ irraa qabxii 10’n sadarkaa 1ffaan xumurteetti.