Gareen kubbaa miillaa Biyyaalessaa Itoophiyaa Waggaa 17 gadii Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawwate.
Daawwannaan kun Gareen Biyyoolessaa Itoophiyaa waggaa 17 gadii biyyaa fi eenyummaa isaa caalaatti akka hubatuu fi ittiin boonuuf qophaa’uu odeeffannoon Kominikeeshinii Yaadannoo Injifannoo Adawaa nuuf erge ni mul’isa.
Injifannoo gootota Itoophiyaa dirree Adawaatti argatan dirree kubbaa miillaatti irra deebi’anii akka muli’isan jajjabeessu fi kakaasuuf akka isaan fayyadu himame.
Garichi Gulaallii Waancaa Afriikaa tibbana gaggeeffamaa jiruun ramaddii isaa keessaa tapha takkallee osoo hin moo’amin qabxii 10’n 1ffaan xumuree marsaa Walakkaa Xumuraatti darbuu mirkaneeffateera.