Kalaquufi Saffisa Itti fufiinsa qabuun hojjechuun badhaadhina Itoophiyaa ni mirkaneessina- Kantiibaa Adaaneech Abeebee

You are currently viewing Kalaquufi Saffisa Itti fufiinsa qabuun hojjechuun badhaadhina Itoophiyaa ni mirkaneessina- Kantiibaa Adaaneech Abeebee

‎AMN PLUS-Sadaasa 18/2018

‎Sirna goolaba Leenjii Hoggansa Paartii Badhaadhinaa mata duree “Ilaalchi Mootummaa Ida’amuu Guddina Dameelef” jedhuu irratti Kantiibonniifi Pirezidaantonni naannolee cuunfaa leenjichaa ilaalchisee ergaawwan gara garaa dabarsaniiru.

Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaaneech Abeebee saffisa itti fufiinsa qabuun hojjechuun badhaadhina Itoophiyaa akka dhugoomsuun akka itti fufu himuun, hoggansi hubannoo leenjirraa argate hojitti hiikuu akka qaban dhaaman.

‎Leenjiin hoggansa Paartii Badhaadhinaa Sadarkaa biyyaatti kenname kun milkaa’ina damee hunda keessatti argame itti fufsiisuun guddina fooyya’e fiduuf hoggansi hunduu kutannoon hojjechuu akka qabu kallattii ifaa kan kaa’e ta’uu eeran.

‎Xumura leenjichaa irratti hoggantoonni Naannoo kallatti kennanin, milkaa’inoota argame cimsanii Itti fufsiisuufi caalatti hawaasa fayyadamaa taasisuuf hoggantoonni qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu ibsan.

‎Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Yaada Mootummaa Ida’amuu hojiitti hiikuun badhaadhina biyyatti dhugoomsuuf hoggantoonni sirna hojimaata durii keessaa bahuun misooma eegalame daangaa haga daangaatti waliin gahuuf qindoominaan hojjechuun akka barbaachisu ibsan.

‎Misooma magaalotaafi dameewwan turiziimii kaayyoo kaa’ameen milkeessuuf hoggansi kutannoon hojjechuun akka qabanis hubachiisaniiru.

‎Haaluma walfakkaatuun Bulchaan Mootummaa Naannoo Affaar Awwal Arbaa gamasaanii turiziimii, qonna, indastiiriifi dameewwan misooma magaalotaatiin bu’aawwan galmaa’an abdi qabeessa ta’uu isaanii ibsan.

‎Bulchaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Gambeellaa Alamituu Umodi gamasaaniin leenjiin kun dandeetti raawwachiisummaa hoggansaa guddisuun jijjiiramoota eegalaman caalatti akka mirkaneessanif ta’u isaa ibsaniiru.

‎Katiibaan Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawwaa Kadir Juhaaris misooma Damee qonnaan eegalame, Sagantaan ashaaraa magariisaa akkasumas misooma jallisii hawaasa waliin qindoomuun cimsaani akka Itti fufan waadaa galaniiru.

‎Leenjii hoggansaa kanarratti kan argaman hoggantoonni olaanoon sirna hojmaata duraanii keessaa bahuun qindoominaan hojjechuun imala Jijjiirama biyyatti irra jirtu tarkaanfachiisuun akka irraa eegamu ibsaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Somaalee obbo Musxafee Mohaammad gaggeessitoonni leenjii kanarratti hirmaatan barumsa baratan hojiitti hiikuu fi gahee hoggansa isaanii cimsuu akka qaban dhaamaniiru.

Pirezidaantiin Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa Dr. Nagaash Wageeshoo, Jijjiirama tarkaanfataa dameewwan adda addaatiin galmaan gahuudhaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa turuu ibsaniiru.

Pirezidaantiin Bulchiinsa Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashadlii Hasan akka jedhanitti; Imala badhaadhina hunda galeessa eegale xumuruuf xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechuun barbaachisaadha. TOI gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply