Anniisaa Niwukilaraa kaayyoo nagaaf oolchuuf galmi qabame cehumsa Itoophiyaa akka saffisiisu Ministeerri Indastirii beeksise.
Ministirri Indastirii Obbo Malaakuu Allabal, pirojektootni biyyaalessaa gurguddoo misiraachoowwan Gubaa ta’an galma Itoophiyaan fakkeenya Badhaadhinaa Afrikaa ta’uuf qabatte kan milkeessan akka ta’an TOI’tti himaniiru.

Pirojektoota gurguddoo Doolara Biliyoona 30 Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) labsan keessaa tokko kan ta’e, Anniisaa Niwukilaraa kaayyoo nagaaf oolchuuf galmi qabame cehumsa indastiriifi teekinooloojii Itoophiyaa akka saffisiisu ibsaniiru.
Pirojektootni akka Calaltuu Zayita boba’aa, warshaa gaasii uumamaa, buufata xiyyaaraa idil addunyaa guddicha, Ijaarsa manneenii miliyoona 1.5 fi warshaan xaa’oo misiraachoo Gubaati.
Pirojektotni kunneen galmoota misoomaa hiree fuulduraa Badhaadhina Itoophiyaa murteessan ta’uu dubbataniiru.

Cehumsa guddina dameelee ariifachiisuun sharafa alaa hambisuun gahumsa oomishtummaa biyya keessaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Warshaaleen xaa’oofi gaasii uumamaas oomshtummaa qonnaa Itoophiyaa fooyyessuun cehumsa indastirii saffisiisuun wabii nyaataafi fayyyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf akka gumaachan dubbataniiru.
Dabalataanis, Warshaan calaltuu zayita boba’aafi pirojektii Anniisaa Niwukilaraa naga qabeessaa, Itoophiyaan qabeenya uumamaa isheetti fayyadamuun guddinaafi badhaadhina mirkaneessuuf gahumsa anniisaa amansiisaa akka ijaartu dandeessisuu ibsaniiru.