Waajjirri Kantiibaa, naamusa hojjetaan walqabatee komii kaffaltoota gibiraa furuuf hojimaata addaa diriirsuu hime

You are currently viewing Waajjirri Kantiibaa, naamusa hojjetaan walqabatee komii kaffaltoota gibiraa furuuf hojimaata addaa diriirsuu hime

AMN PLUS – Sadaasa 22/2018

Waajjirri Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee naamusa hojjetaafi kenna tajaajilaan walqabatee komii kaffaltoota gibiraa irraa ka’u furuuf hojimaata addaa diriirsuu hime.

Biiroo Galiiwwanii Finfinnee jalatti hojimaatni komii furuuf kaa’ame akkuma jirutti ta’ee kaffalaan gibiraa caalmaan komiinsaa akka ilaalamuuf fedhu Waajjira Kantiibaatti yeroo hunda Kamisa bakka hoggantoonni argamanitti dhiyeeffachuu akka danda’u eerameera.

Yeroo hunda komii maamilaaf gurra nan kenna kan jedhe Waajjirri Kantiibaa, eeruuwwan hojimaata badaaf lakkoofsa bilbilaa iccitii 9977, saanduqa komiifi akkasumas komii qaamaan dhiyaatuuf karrasaa banaa godhee Kamisa dhufurraa kaasee akka simatu eereera.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee tajaajila si’ataafi haqa-qabeessa mirkaneessuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufu mirkaneesseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply