Ulaa Galaanaa dhabuun Itoophiyaa, diinagdee, siyaasaafi dippiloomaasii addunyaa fageenyatti akka ilaaltu taasise”- Ogeesssa Seeraa Adoolaa Culuqqee

You are currently viewing Ulaa Galaanaa dhabuun Itoophiyaa, diinagdee, siyaasaafi dippiloomaasii addunyaa fageenyatti akka ilaaltu taasise”- Ogeesssa Seeraa Adoolaa Culuqqee

‎AMN PLUS- Sadaasa 24/2018

‎Mootummaan Itoophiyaa ulaa galaanaa dabaan kenname deebiftee akka argattuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjetaa jiraachuu Ogeesssi Seeraa Adoolaa culuqqee turtii AMN waliin taasisaniin himan.

‎”Itoophiyaan karra galaanaa dabaan dhabuu ishee biyyattiin dhibbentaa 75 Addunyaan akka wal hin quunnamne taasise” jedhan.

‎”Biyyi keenya diinagdee, siyaasaafi dippiloomaasii Addunyaa fageenyatti akka ilaaltu taasise” kan jedhan Adoolaa culuqqeen, dogoggora seenaa mootummaan ce’umsaa kan uummataan hin filataminin raawwateen Itoophiyaan ulaa galaanaa erga dhabdee waggoota 30 lakkoofsisuu ibsan.

‎Waa’ee karra galaanaa dubbachuunis akka cubbuutti ilaalamaa kan ture ta’u kaasuun, mootummaan jijjiiramaa ulaan galaanaa dhimma birmadummaa biyyaa, jabina siyaasaafi diinagdee waan ta’eef Itoophiyaan akka argattuuf xiyyeennoon hojjataa jiraachuu dubbataniiru.

‎Biyyattiin pirojektii gurguddaa sadarkaa biyyaa irra darbee Afrikaafi Idil-Addunyaa irratti mataa ishee ol qabattee deemtu taasisu ijaaruun warra dantaa Itoophiyaa gurraan dhaga’uu fi ijaan arguu hin feene qaannessaa jiraachuu kan himan Ogeessi Seeraa Adoolaa culuqqeen Itoophiyaan hojii dippilomaasii jalqabde cimsitee itti fufuu akka qabdu ibsaniiru.

‎Itoophiyaan karra galaanaa argachuun walitti hidhamiinsa biyyoota Afrikaa cimsuuf gumaacha akka taasisu Adoolaa Culuqqee himaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply