Nagaa waaraa fiduufi misoomaa biyyaa mirkaneessuuf wal-dhabdee jiru karaa mariin furuun murteessaa ta’uu Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Aragga Kabbadaa himan.
Mootummaan naannoo Amaaraafi Gareen Faannoo Waliigaltee nagaa mallatteessaniru.
Waliigalticha Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Araggaa Kabbadaafi Bakka Bu’aan Faannoo Masirashaa Saxxee mallatteessuun ibsa waloo kennaniiru.
Waggoottan sadan darbanif rakkoo nageenyaa naannichatti uumamaa turaniif furmaanni waaraa akka dhufuuf mootummaan Federaalaa yaalii walirraa hin cinne taasisaa turuu eerameera.
Waliigalteen har’aas jaarsummaa Gamtaa Afrikaafi IGAD’n milkaa’eera.
Waliigaltee nagaa mallattteeffame hawaasni naannichaa qilleensa nagaa akka argatuuf gumaacha olaanaa qaba jedhan Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Aragga Kabbadaa himan.
Waraana irraa bu’aan argamu waan hin jirreef nagaa waaraa buusuuf aadaa marii gabbifachuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Nagaaf dursa kennine kan jedhu bakka bu’aan Faannoo Maasrashaa Saxxeen, fedhiifi faayidaa biyyaaleessaa kabachisuuf kan hojjetan ta’uu hime.
Komishinara I/Aantuun Komishinii Gamtaa Afrikaa Saalimaa Maalikaa, walii galteen nagaa mallatteeffame yaadama rakkoo Afriikaa Afrikaan furuu jedhu kan dhugoomse ta’uu himan.
Barreessaa Itti Aanaa IGAD Mahammaad Abdii qaamoleen lamaan nagaa waaraa fiduuf waliigalteerra ga’uunisaanii naannawichaafi Afrikaaf fakkenya ta’a jedhaniiru.
Dirribaa Yaadataatu Gabaase