Waliigaltichi ce’umsa dijiitaalaa Afrikaa akka saffisiisu ibsame

You are currently viewing Waliigaltichi ce’umsa dijiitaalaa Afrikaa akka saffisiisu ibsame

‎AMN PLUS-Sadaasa 26/2018

‎Itiyoo-Telekoom fi ‘CAMTEL’ Kaameeruunitti ce’umsa dijiitaalaa saffisiisuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

‎Itiyoo-Telekoom ce’umsa dijiitaalaa Kaameeruun saffisiisuuf dandeessisu CAMTEL waliin waliigaltee kontiraataa Maastar Sarvis jedhamu Kaameeruun magaalaa Yaahundeetti mallatteessuusaa beeksiseera.

‎Waliigaltichi hoggantoonni CAMTEL hoggansa teeknooloojii olaanaa Itiyoo-Telekoom ijaarsa Dijiitaal Itiyoophiyaa keessatti agarsiise erga daawwatan booda muuxannoo kana gara Kaameeruunitti fiduuf fedhii qaban bu’uureffachuun mallatteeffamuu eerameera.

‎ Dhaabbileen lamaan Kaameeruunitti sirna kaffaltii dijiitaalaa waliingahiinsa faayinaansii mirkaneessu babal’isuufi kilaawudii biyyaalessaa ijaaruun tajaajiloota mootummaa dijiitaalessuuf kan hojjetan ta’uu hubatameera.

‎Waliigalteen kun boqonnaa Itiyoo-Telekoom bu’uura tarsiimoo 2028 tajaajila daangaa ce’aa dhiyeessuuniifi tumsa ardii cimsuun imala Diijitaal Afrikaa saffisiisuuf akka dandeessisu Itiyoo-Telekoom miidiyaa hawaasummaa isaa irratti ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply