Hundumtuu jabaatee hojjanaan ol-ka’iinsi Itoophiyaa yeroo gabaabaatti milkaa’a- Geediyoon Ximootiwoos (PhD)

You are currently viewing Hundumtuu jabaatee hojjanaan ol-ka’iinsi Itoophiyaa yeroo gabaabaatti milkaa’a- Geediyoon Ximootiwoos (PhD)

‎AMN PLUS- Sadaasa 27/2018

Magaalaa Finfinnee ‎Kutaa Magaalaa Lidataatti Mariin uummataa mata duree “Misraachoo Gubaa fi Bu’aa Mootummaa Ida’amuu” jedhuun adeemsifameera.

‎Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD), mootummaan waggoota jijjiiramaa keessa uummata wajjin mari’achuun waadaa seene kabajee murannoon hojjachuun bu’aa qabatamaa galmeessisuu beeksisaniiru.

‎Yaadota hirmaattonni kaasan qaama karoora mootummaa taasisuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf akka hojjatan ibsaniiru.

Lammiin hundumtuu yoo jabaatee hojjate ol-ka’iinsi Itoophiyaa yeroo gabaabaatti akka milkaa’u Geediyoon Ximootiwoos (PhD) dubbataniiru.

‎Ministirri Dhimmaa Daa’immaniifi Hawaasummaa Ergooggee Tasfaayee (PhD) gama isaaniin mootummaafi uummatni waliin mari’achuun hojjechuun bu’aawwan boonsaan galmaa’uu akka danda’e ibsaniiru.

‎Rakkoowwan Bulchiinsa gaarii furuuf mootummaan sirna diriirsuu ibsuun, hawaasnis kanatti fayyadamuun akka rakkoo Bulchiinsa gaariirratti qabsaa’uu gaafachuusaanii Odeeffannoon Kominikeeshinii Finfinneerraa arganne ni mul’isa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply