Guyyaan Turizimii Adduunyaa sadarkaa Oromiyaa Magaalaa Gindhiiritti kabajame

You are currently viewing Guyyaan Turizimii Adduunyaa sadarkaa Oromiyaa Magaalaa Gindhiiritti kabajame

AMN PLUS- Sadaasa 29/2018

Guyyaan Turizimii Addunyaa 46ffaan akka naannoo Oromiyaatti marsaa 21ffaaf mata duree “Tuuriizimiifi Jijjiirama Ittifufiinsa Qabu” jedhuun godina Baalee Bahaa Magaalaa Gindhiiritti kabajame.

Itti Aanaa Hoogganaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaafi Hoogganaa Damee Turizimii obbo Solomoon Taammiruu Soof Umariif aduun ba’eera, godinaaleen Baalees misoomaan yeroo yaadatamanitti ayyaana kana kabajuun adda taasisa jedhan.

Qabeenya dilbii aadaa, seenaa, qabeenyaa uumamaa hedduu osoo qabnuu xiyyeeffannoo itti kennuu dhabuudhaan hiyyummaaf saaxilamaa turuu eeran.

Jijjiirama booda garuu xiyyeeffannoo mootummaan damee kanaaf kennee hojjechaa jiruun bu’aa qabatamaan argamaa jiraachuu dubbataniiru.

Turizimiin utubaa dinagdee isa guddaadha kan jedhan obbo Solomoon aadaa, seenaa, qabeenya uumamaafi hambaawwan seenaa qabnu kunuunsuuf, misoomsuufi beeksisuun bu’aaf oolaa jiraachuu himanii, jijjiirama damee kanaan argamaa jiru itti fufiinsa akka qabatuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Bulchaan Godina Baalee Bahaa obbo Jaarsoo Boruu Baleen qabeenya uumamaa, ardaa jilaa, hambaalee seenaafi aadaafi duudhaa qabduun badhaatuu ta’uu irraan kan ka’e Baleefi Turizimiin wal fakkaachuu kaasaniiru.

Ayyaana kana irratti qorannoon qabeenya dilbii godina Baalee Bahaafi Godina Baalee irratti xiyyeeffate dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Guyyaa Turizimii Adduunyaa 46ffaan Akka Itoophiyaatti yeroo 38ffaaf akka Oromiyaatti ammoo yeroo 21ffaaf kabajame.

Ayyaantuu Geetaaneetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply