Yuukireen waraana Raashiyaa wajjinii dhaabuuf karoora haaraa qopheessuu beeksisteetti.
Pirezidaantiin biyyattii Volodmiir Zeleniskiin, wixinee” naannolee Yuukireen muraasa kutanii Raashiyaaf kennuu” jedhu osoo hin simatin nagaa buusuuf karoora haara qopheessuu kan ibsite.
Karoora haara fooyya’e kanas Yuukireen Waayit Haawusitti akka dhiyeessitu BBC’n gabaaseera.
Haa ta’u malee, osoo tattaaffiin marii nagaa adeemsifamaa jiru, waraanni Bahaa Yuukireen keessatti cimee itti fufaa jiraachuun ibsameera.
Pirezidaanti Zeleniskiin seerri Yuukireenis ta’e idil addunyaa “Raashiyaaf lafa kutii kenni” jedhu akka hin jirre eeruun, karoora nagaa Pirezidaantiin Ameerikaa wixinan kan lafa kutii kenni jedhan akka hin simanne beeksisaniiru.
Mariin anga’oota Yuukireeniifi Ameerikaa jidduutti torban darbe adeemsifamaa tures waliigaltee malee xumurameera.
Pirezidaanti Tiraamp torban darbe keessa waliigaltee nagaa irra akka hin ga’amne danqaa kan ta’an Pirezidaanti Zeleniskii ta’uu ibsanii turan.
Zeleniskiin gama isaaniin dhimmootni qofaatti mari’atamuu qaban akka jiran himaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin