Tajaajilli Lootarii Itoophiyaa eyyama Dhaabbilee Beetingii Ispoortii hundumaa haquu beeksise.
Eyyemni dhaabbilee beetingii ispoortii, taphoota garaa garaa intarneetiin taphachiisan kunneen akka haqamu kan murtaa’eef taphaafi dame faayinaansii irratti qorannoo biyyaalessaa adeemsifame irratti hundaa’uun faayidaa uummataa kabachisuuf tarkaanfii fudhatame ta’uu tajaajilichi beeksiseera.
Murtoon kun dhaabbilee tapha ispoortii hojii irra jiraniifi kanneen kanaan dura dhorkaman irratti akka hojiirra oolu ibseera.
Qorannoon adeemsa irra jiru kun hojimaatni seera maleessaa damicha keessatti babal’ate, waliigaltee eyyemaa kabajuu dhabuufi daddabsootni maallaqaa nageenya biyyaalessaaf yaaddoo ta’an akka jiran tajaajilichi beeksiseera.
Haaluma walfakkaatuun qorannoo taasifameen hojiilee seeran alaa, nageenyaa biyyaalessaaf yaaddoo kan ta’e daddabarsa maallaqaa seeran alaa akka jiran ibsamuun akeekameera .
Haaluma kanaan, dhaabbileen ispoortii fi qopheessittoota Ispoortii har’a Mudde 6 bara 2018 irraa eegalee qaamaanis ta’e gama dijitaalaan ykn haala biraatiin tapha ispoortii kana taphachiisan hundumtuu sochii isaanii addaan kutuu akka qaban tajaajilichi ibseera.
Tooftaaleen maallaqa ittiin galchan tajaajila dhaabuu akka qabanis ibsameera.
Dabalataanis, Tooftaa tapha ispoortii haaraa fudhachuun gonkumaa akka hin danda’ames eerameera.
Odeeffannoowwan tajaajila hundaa, galmee faayinaansii fi odeeffannoo tajaajilamtootaa sirriitti eeganii dirqama tursiisuu akka qabanis eerameera. Odeeffannoo balleessuun, jijjiiruun ykn miliqsuun seera yakkaatiin akka adabsiisullee ibsameera.
Dhaabbileen faayinansii kanneen akka Baankota, kaffaltii raawwatan (Payment Instrument Issuers) fi oppareetarota sirna kaffaltii (Payment System Opperators) eyyemni dhaabbilee tapha ispoortii hundumaa waan haqameef, har’a jechuunis Mudde 6 Bara 2018 irraa eegaluun, sochii gurgurtaa kamiyyuu akka hin raawwanne qajeelfama cimaa kennuu beeksiseera
Tajaajilichi qaamolee dhimmi ilaaluuf qajeelfama kan dabarse yommuu ta’u, murtoon kun akka hojiirra oolu to’annoo kan taasisu ta’uu beeksisuun, qaama dambii kana hin kabajne kamirratti iyyuu tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu hubachiiseera.