Maqaa ijoolleesaa ‘Biltsiginnaa, Maddamarii fi Kooriidar” jechuun abbaa moggaase

You are currently viewing Maqaa ijoolleesaa ‘Biltsiginnaa, Maddamarii fi Kooriidar” jechuun abbaa moggaase

AMN PLUS- Mudde 7/2018

Barsiisaa Ashannaafii Taaddasaa jedhama. Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa, Magaalaa Hosaanaa jiraata.

Moggaasni maqaa ijoollee isaa jiraattota Hosaanaa qofa miti kan ajaa’ibsiise, keessummoota Ayyaana Sabaafi Sablammootaaf garas imalanis ajab jechisiiseera.

Barsiisaa Ashannaafiin, AMN Dijitaalaa waliin turtii taasiseen, “Maqaan Seenaadha” jedhe.

Kanaafis daa’imman sadii horeef maqaa seenaa har’aa egereetti dabarsu ijoolleesaa sadeeniif moggaasuuf murteesse. ‘Biltsiginnaa Ashannaafii, Maddamar Ashannaafii fi Kooriidar Ashannaafii” jedheen.

“Badhaadhina, Ida’amuu, Kooriidarii”

Akkuma Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) aangootti dhufanii hiriirri deggersaa Addabaabaayii Masqalaatti Waxabajjii 16 Bara 2010 adeemsifamu sana, waaree booda sa’aatii 10tti da’imti durbaa dhalatte. Innis ‘Maddamar” jedheen, Barsiisaa Ashannaafiin.

Waanan Dooktar Abiyyiifi yaadama ida’amuu isaanii jaaladhuufan mucaa koo jalqabaa “Maddamar’ jedhe jechuun ibse.

Ministirri Muummee balaa yeroo sana itti aggaamame irraa oolanii ‘Abdii Itoophiyaa’ waan ta’aniifan Yaadannoo sanaaf moggaases jedhe.

Ilma isaa 2ffaa ammoo kan argate bara 2013 filannoon marsaa 6ffaa Itoophiyaatti adeemsifamee, bara 2014 wayita mootummaan Badhaadhinaa labsamu sana waan ta’eefan, “ Biltsiginnaa” jedheen, jechuun AMN Dijitaaliif hime.

Sababni isaa, Badhaadhinni Paartii ta’uu caalaa guddinaafi jijjiirama ta’uu isaa gochaan waan agarsiisaa jiruuf maqaa kana ilma isaatti moggaasuu ibse.

“Waaqayyo ijoolleetiin na eebbisuu isaa itti fufe, anis maqaa misoomaan ijoollee koo moggaasuun itti fufe” kan jedhe Barsiisaa Ashannaafiin, akkuma misoomni Kooriidari Finfinnee Bara 2015 eegalameen intala isaa waan dhalatteef abdii misoomaafi miidhagina magaalaa fuulduratti qabanirraan kan ka’e, “Kooriidarii” jedhee moggaasuu dubbateera.

Maqaan ijoollee isaa sadanii, Waajjira Galmeessa Ragaalee magaalaatti galmaa’ee jiraachuu illee ragaan mul’isaniiru.

Moggaasa maqaa ijoolleesaan wal qabatee mudannoo isaa AMN Digital’f yoo qoodu, namootni hedduun “jijjiiramni mootummaa yoo dhufe maal goota?’ jedhanii gaafachuu kaase.

Galmi qabame hin jijjiiramu kan jedhu Barsiisaa Ashannaafii, osoo waan fedhe ta’ee maqaa ijoollee isaa akka hin jijjiirre ibseera.

Amma umriin ijoollee Barsiisaa Ashannaafii, isheen jalqabaa Maddamar 8, Biltsiginnaan ganna 4, Kooriidariin ammoo ganna 2 taateetti. Daa’ima 4ffaa yoo rhiyeenyatti argatan gamanumaa maqaa qopheessuu hime. Eenyu ta’inna laata? “Galaanoo? Birmadummaa? Ulaa?” Moo eenyu? Isin hordoftootni keenyahoo maal jettanii moggaastuuf?

Yaalewu Geetaaneetu qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply