Imala Itoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaatti makamuuf taasistu Indiyaan ni deggarti- Ministira Muummee Naareendiraa Moodii

You are currently viewing Imala Itoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaatti makamuuf taasistu Indiyaan ni deggarti- Ministira Muummee Naareendiraa Moodii

‎AMN PLUS- Mudde 8/2018

‎Ministirri Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodiin walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Indiyaa michooma biyyoota lamaanii caalaatti guddisuun faayidaa biyyoota lamaanii irratti waliin hojjechuuf bu’aa guddaa akka qabu ibsan.

‎Adeemsa Itoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaatti makamuuf taasistu akka deggaran dubbataniiru.

‎Daldalaafi invastimantii, qonnaa, anniisaa haaromfamuu danda’u, fayyaa, barnoota, misooma ogummaa, raayyaa ittisaa, albuuda, hubannoo nam-tolchee (AI) fi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa irratti waliin hojjachuuf akka waliigalaniis dubbataniiru.

‎Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Indiyaan muuxannoo wabii nyaataa fi fayyaa, teekinooloojii misoomaa qonnaa, teekinooloojii fayyaa dijitaalaa fi kanneen biroo irratti qabdu qooduuf kutannoo akka qabdus himaniiru.

‎Hoggantoonni lamaan tumsa biyyoota lamaanii gara tumsa tarsiimawaatti ol guddisuuf kutannoo qaban kan ibsan yoo ta’u, kunis hariiroo biyyoota lamaanii keessatti boqonnaa haaraa kan fidu akka ta’e ibsameera.

‎Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin carraa barnootaa “ICCR”jedhamu Indiyaan waggaa waggaan barattoota Itoophiyaaf kennitu dachaa lamaan dabalaa akka jiru ibsaniiru.

‎keessattuu hirmaannaan dhaabbileen Indiyaa Itoophiyaa keessatti damee oomishaa fi qorichaa irratti taasisaa jiran guddachaa akka dhufe dubbataniiru.

‎Itoophiyaa fi Indiyaan sirna idil-addunyaa hunda hammate, haqaa fi seera irratti hundaa’e dagaagsuuf tokkummaan akka dhaabatan Hoggantoonni biyyoota lamaanii mirkaneessaa akka jiran ibsaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply