Dandeettiin addaa bu’uura misoomaa murteessaadha- Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Dandeettiin addaa bu’uura misoomaa murteessaadha- Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS-Mudde 13/2018

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dandeettiin addaa bu’uura misoomaa murteessaa waan ta’eef akkuma bu’uuraalee misoomaa biroo irratti hojjachuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

‎Dooktar Abiyyi goolaba sagantaa Dijitaal Itoophiyaa 2025 fi Tarsiimoo Dijitaalaa Itoophiyaa 2030 irratti gaaffilee hirmaattotni kaasanif deebii wayita kennan “Dandeettiin addaa bu’uura misoomaa murteessaadha” jedhaniiru.

‎Kalaqxootni teekinooloojii dorgomtoota isaanii kan ittiin injifatan gahumsaan fooyya’anii argamuun akka ta’e ibsuun kalaqa damee fayyaafi dameewwan biroo keessatti mul’atan jajjabeessuuf mootummaanis akka hojjetu ibsaniiru.

‎Kaayyoon guddaan Dijitaal Itoophiyaa 2030 dandeettii oomisha roobootii biyya keessaa, bilbila, “iPad” fi kanneen biroo kalaquu akka ta’e eeraniiru.

‎Gama biraatiin, al-ergiin bunaa dachaa sadii dabaluu isaa ibsuun, damee kana gama dijitaalaan deggeruun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. ‎

‎Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo (INSA) keessatti kan jalqabame Samar Kaampiin mana kitaaba waliinii qabu dorgommii roobootiifi hubannoo nam-tolchee (AI) Inistitiyuuti akkasumas “START UP” kan qabu gamoon iddoo hojii kun bu’uuraalee misoomaa dhiyeenya jalqabaman ta’uu ibsaniiru.

‎Hoggantootni “Start Up” jajjabeessuu, akka hin badne hojjachuun saffisiisuuf itti gaafatamummaa dabalataa akka qaban Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) hubachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply