Sagantaa innisheetivii koodarsii miliyoonaa 5tiin naannoo Oromiyaatti namoonni miliyoona tokko caalan leenjii Itiyoo-koodarsii fudhachuun ibsameera.
Carraa sagantaa Itiyoo-koodersii kanaan dargaggoonni onlaayiniin barachuun addunyaarratti akka dorgoman taasisuun biyyaaf bu’aa guddaa akka qabu Daayirektarri Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teeknoloojii Oromiyaa Obbo Mokonnin Bayyanaa ibsaniiru.

Innisheetiviin kun invastimantii adda addaallee gara biyyaatti hawwachuuf carraa bal’aa akka qabu Obbo Mokonnin himaniiru.
Tajaajila mootummaa tuttuqqii waraqaa tokko malee gama dijitaalaatiin qulqullinaafi saffisaan kennuuf sagantaan “Itiyoo-Koodarsii” gumaacha olaanaa akka qabus ibsaniiru.
Tarsimoo dijiitaal Itoophiyaa 2030 hojiirra oolchuu akka eegalan ibsuun wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo magaalota Oromiyaa 5 keessatti tajaajila kennaa jiranis qaama tarsimoo kanaa ta’uu dubbachuu isaanii odeeffannoon BKO irraa argame ni mul’isa.