Pirezidaantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dooktar Ashabbir W/Goorgis Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa U-17 Gadii Angoolaa Magaalaa Luwaandaatti turtiin taasisan akkuma qophii gaarii taasisan milkaa’aa ta’uu ibsan.
Medaaliyaa 33 argachuu kan kaasan pirezidaantichi, kana keessaa 8 Warqee tahuu himanii, uummata Itoophiyaa maraan “Baga Gammaddan” jedhaniiru.

Itoophiyaan Atileetiksiin Afrikaa irraa sadarkaa 1ffaan akka xumurte eeruun, dorgommiiwwan 28 keessaa 7 irratti hirmaachuun olaantummaan akka xumurte ibsaniiru.
Itoophiyaan ulfaatina kaasuun lakkuulee Benishaangul Gumuz irraa argamaniin Medaaliyaa Birrii 3 fi Nahaasa 3 kan injiffatte yoo ta’u, Tekuwaandoodhaanis qabxii gaarii argachuu dubbataniiru.

Deetaan Ministira Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Makkiyyuu Mahaammad gama isaaniin, yeroo gabaabaa keessatti hojjachuun bu’aa argame kana caalaatti hojjachuun dorgommii Olompikiifi addunyaa irratti qabxii olaanaa galmeessuun akka danda’amu dubbataniiru.
Hojiin waloo akkanaa dorgommiiwwan biroof illee fakkeenya akka ta’u Obbo Makkiyyuun ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin