Itoophiyaa Olompikii Guddattootaa 5ffaaf ammuma irraa qophii taasisuu akka qabdu Pirezidaantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Doktar Ashabbir W/Goorgis himan.
Koreen Olompikii Itoophiyaa Tapha Olompikii Guddattootaa Afrikaa 4ffaa fi Itoophiyaan dorgommii marsaa 5 ffaa qopheessuuf carraa argachuun walqabatee miidiyaaleef ibsa kenneera.

Ibsa kan laatan Pirezidaantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Doktar Ashabbar W/Goorgis dorgommiilee 27 keessaa 7 qofa irratti hirmaannee meedaaliyaa 33 arganne jedhan.
Tapha marsaa itti aanu kanaan baay’ina dorgommii irratti hirmaannuu dabaluuf ammuma irraa qophiitti galuu qabna jedhan.
Misikkir Alamaayyootu Gabaase