Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Dhaabbata Televizhinii ‘JPS’ akeekkachiise

You are currently viewing Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Dhaabbata Televizhinii ‘JPS’ akeekkachiise

‎AMN PLUS-Mudde/2018

‎Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa, ibsa baaseen labsii miidiyaa biyyattii, labsii lakk. 1238/2013 fi dambiiwwan hojii miidiyaa irratti hundaa’uun, miidiyaaleen amantii barsiisa isaanii tamsaasuu akka qaban ibseera.

‎Miidiyaaleen mootummaa fi dhuunfaa kamiyyuu odeeffannoo sobaa, jeequmsaaf kakaasan akkasumas seera miidiyaa cabsu tamsaasuu irraa akka of qusatan Abbaan Taayitichaa akeekkachiiseera.

‎Abbaan Taayitichaa miidiyaaleen odeeffannoo nageenyaa uummataa jeequ, walitti bu’iinsa kakaasu ykn seera hin kabajne kamiyyuu akka hin tamsaasne akeekkachiiseera.

‎Miidiyaaleen seera kana cabsanii argaman irrattis tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu ifatti beeksiseera.

‎Miidiyaan Jiisas Piroofeetik Spiriit Charchi Dhaabbata Televizhinii ‘JPS’ jedhamuun Mudde 13 bara 2018 qophii dabarseen naannawa Salaalee ilaalchisee odeeffannoon tamsaase kan hin malle tahuu mirkaneeffachuu isaa beeksisuun dambii miidiyaa labsii Lakk. 1238/2013 akka cabse Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa ibseera.

‎Haaluma kanaan Abbaan Taayitichaa Dhaabbata Televizhinii JPS’f akeekkachiisa akka kenne hubachiiseera.

Miidiyaaleen hundi itti gaafatamummaa ogummaa isaanii kabajanii akka hojjataniif akkasumas nageenya biyyaafi tokkummaa uummataa eeguuf gahee isaanii akka bahataniif waamicha dhiyeessuu isaa ibsa Abbaan Taayitichaa AMN’f ergeen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply