Itoophiyaan imala badhaadhinaa bu’a qabeessa misooma magariisaa irratti hundaa’e hordofaa akka jirtu Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.
Torbeen “Sochii Faalama Qilleensaa Hir’isu (Green Mobility 2025)” biyyaalessaa 2ffaan Magaalaa Finfinnee Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti eegalameera.
Imalli badhaadhinaa biyyattii bu’uura misooma magariisaa akka ta’e Obbo Tamasgeen ibsaniiru.
Itoophiyaan milkaa’ina hojii magaarisaatiin damee geejjibaafi loojistikii keessatti galmeessite olaanaa ta’uus ibsameer
Kunis gad-lakkifama kaarboonii hir’isuun jijjiirama qilleensaa to’achuufi diinagdee itti fufiinsa qabu ijaaruuf murteessaa akka ta’e himan.
Teekinooloojii faalama naannoo hir’isan fayyadamuun qofa komii namaafi uumamaa giddu jiru furuun akka danda’amus ibsameera.
Mariin jijjiirama qilleensaa addunyaas marii qofa osoo hin taane gara hojiitti ce’uu akka qabus kaasaniiru.
Sochii magariisaatiin konkolaattota elektirikii, qulqullina laggeenii eeguu fi fayyadama humna haaromfamaa babal’isuun hojiileen Itoophiyaa keessatti hojjetamaa jiran fakkeenya gaarii akka ta’es yaadachiisaniiru.