‎Dhaabuufi kunuunsuun aadaa AMN ta’eera- Obbo Kaasaahun Gonfaa

You are currently viewing ‎Dhaabuufi kunuunsuun aadaa AMN ta’eera- Obbo Kaasaahun Gonfaa

‎AMN PLUS- Mudde 18/2018

‎Hojjattoonnifi hooggantoonni Addis Miidiyaa Neetwoork biqiltuu Ashaaraa Magariisaa baatii Adoolessaa Bara 2017 Kutaa Magaalaa Gullalleetti dhaabanii turan kunuunsan.

‎Hoji Raawwachiisaan Olaanaa Addis Miidiyaa Neetwork, Obbo Kaasaahun Gonfaa, AMN akkuma qophiidhaan hojiin tokko eessa gahe jechuun hojjatu, biqiltuu dhaabnes sadarkaa isaan irratti argaman kunuunsaa jira” jedhaniiru.

‎Obbo Kaasaahun dabaluun, hojiin misooma magariisaa Itoophiyaatti hojjatamaa jiru akka magaalaa Finfinneettis bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu himan.

‎Sadarkaan uwwisa magariisaa Finfinnees %2 irraa garaa %22tti kan guddateef hojii dhaabuufi kunuunsa qindoominaan hojjatameen ta’uu ibsaniiru.

‎“AMN Sagalee Dhalootaati. Biqiltuu dhaabes dhalootaaf kunuunsuun fakkeenya ta’a” jedhan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa ‘Dhaabuun Bayyanachuu’ jedhuun AMN Gidduugala Biqiltuu Gullalleetti biqiltuuwwan dhaaban haalaan latuun hedduu akka isaan gammachiises ibsan.

‎Hojjattoottni AMN biqiltuu dhaaban kunuunsanis “Akka ilmoo keenyaatti bishaan dhugsiisnee, biyyee barbaachisu laanneefi, kun baayyee nu gammachiiseera” jechuun ibsan.

Fuulduraattis deebi’anii kan kunuunsan ta’uu waadaa seenaniiru.

‎Malkaamuu Abbabaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply