Bunni Itoophiyaa dorgommii tuurizimii addunyaa keessa akka seenuuf hojii beeksisuufi hubannoo uumuu irratti xiyyeeffachuun gareen miidiyaalee Naannoo kibba Itoophiyaa Godina Geedi’oo Aanaa Gadabiitti daawwannaa taasisaniiru.
Tuurizimii Bunaa guddisuufi galii achirraa argamuu dabaluuf qonnaan bultoota damicharratti bobba’an jajjabeessuun hojii murteessaa ta’uu Hoggantuun Biiroo Aadaafi Tuurizimii Naannoo Kibba Itoophiyaa Aadde Wayiniituu Malkuu ibsaniiru.
”Godinni Geedi’oo iddoolee kibba Itoophiyaa keessaa bakka oomishni bunaa baay’inaan itti oomishamuudha” kan jedhan Aadde Wayiniituun bunni gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyaachuun gamatti seenaa Itoophiyaanoota keessatti aadaan buna waloon dhuguu walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu irratti qooda olaana qabaachuu dubbataniru.
Waggoota jijjiramaan asitti damee tuurizimii irratti hojii rifoormii hojjetameen bu’aan jajjabeessaa galmaa’aa jiruu gama tuurizimii bunaatin fuula addunyaatti bahuun barbaachiisaa ta’uu eeraniru.
Keessumaa, oomishaafi oomishtummaa bunaa guddisuu dabalatee aadaa waloo buna dhuguu fi walitti hidhamiinsa buna wajjin Itoophiyaanoonni qaban hawaasa addunyaaf beeksisuu fi hubachiisuun barbaachiiaa ta’uu ammoo Ministira Tuurizimiitti Hoggannaan Damee Komunikeeshinii Obbo Alamaayyoo Geetaachoo himaniru.
Gareen Miidiyaalee Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Geedi’oo aanaa Gadabitti hojii oomisha buna maasii irraa eegalee hanga gabaaf dhiyaatuutti adeemsa jiru daawwataniru.
Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase