Iddoowwan Seena qabeessa irraa eegalee hanga qabeenya uumamaa ajaa’ibsiisootti, hawwattootni tuurizimii Itoophiyaa duraaniifi ammaa iddoowwan gahumsa tuuristootaa ta’aa dhufuu isaanii Waajjirri Ministira Muummee FDRI beeksise.
Daandiiwwan haaraafu fooyyeffaman, hoteelotni fi tajaajilootni guddina kanaaf gumaacha taasisaa jiraachu eere.

Fooyya’iinsootni taasifaman idddoowwan seena qabeessa biyya keenyaa fi iddoowwan gahumsa uumamaa ajaa’ibsiisoo kunneen tajaajila daawwachiisuu salphaafi mijataa taasisuu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.
Tuurizimiin carraa hojii akka uumu, sochii daldalaa akka cimsu akkasumas leecalloo aadaa Itoophiyaa beeksisuun gahee olaanaa akka bahatu ibseera.
Haala mijataa uumuuf hojiin daawwattootaafi idddoowwan gahumsa tuuristii irratti hojjatame daran kan wal qabatuufi egeree badhaadhe uumuuf hojii waaraa hojjatamu tahuu Waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.