Itoophiyaan oomishaalee alaa galaa turan kan biyya keessan bakka buusuun hirkatummaa hir’isaa jirti- Waajjira Ministira Muummee

You are currently viewing Itoophiyaan oomishaalee alaa galaa turan kan biyya keessan bakka buusuun hirkatummaa hir’isaa jirti- Waajjira Ministira Muummee

AMN PLUS – Mudde 25/2018

Qaama ce’umsa diinagdee Itoophiyaa kan ta’e hojiin misooma Indaastirii kalaqa saffisiisuun oomishtoota biyya keessaa cimsaa jira jedhe Waajjirri Ministira Muummee.

Hojiin misooma Indaastirii kalaqa saffisiisuun oomishtoota biyya keessaa cimsaa jiraachuus himeera.

Hojiin Indaastirii babal’isuu raawwatamaa jiru oomishaalee alaa galaa turan kan biyya keessan bakka buusuun hirkatummaa hir’isaa jiraachuu ibse.

Sharafa alaa hambisuun cancala duudhaa biyya keessaa cimsaa jiraachuu kan hime waajjirich, Invastimantiin Paarkiiwwan Indaastirii keessatti guddachaa jiru, deeggarsi oomishtoota biyya keessaaf godhamu, akkasuma sosochiin Itoophiyaan haa oomishtuu oomishaalee kanneen beeksisuun damicha caalmaatti cimsuu ibse.

Ogummaa hojii fi kalaqa guddisuun guddina diinagdee waaraan mirkaneessuu keessatti qooda olaanaa bahachaa jiraachuu ibseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply