Ayyaanni Jijjiirraa Bara Haaraa Sablammii Halaabaa “Seeraa”n Magaalaa Halaabaa Qullittootti haala Miidhagaan kabajamaa jira.
Ayyaanni “Seeraa” duudhaa ganamaa uummata biyya keenyaa dinqisiisoo tahaniifi sablammiin Halaabaa jiruufi jireenya, hawaasummaafi diinagdeesaa ittiin qajeelfatu sirna bulchiinsa aadaa ta’uu isaatu ibsama.
Sirni kun sablammiin Halaabaa xumura Ji’a Muddeefi jalqaba Ji’a Amajjiitti lakkoofsa baraa Aadaa yookaan Kaalaandarii sabichaarratti hundaa’uun kan kabajamu beekkumsa ganamaafi qabeenya Hambaa kiliyaa Itoophiyaa keessaa tokko akka ta’e hayyootni ni kaasu.
Ji’a kana keessa sablammiin Halaabaa Facaafatee, Aramatee, Dadhabbii waggaa guutuu erga galfatee booda , isa darbeef Waaqa Galateeffachaa, Bara Oomishaa dhufuuf kan itti of qopheessu, akkasumaas Bara Moofaarraa, gara Bara Haaraafi Ifaafi Abdiitti itti cee’uudhas jedhama.
Ayyaanichi Waggaatti yeroo tokko ayyaana kanaaf Ijoolleen sablammichaa umrii Ijoollummaarraa gara dargaggummaatti ce’uun itti gaafatamummaa fudhachuu kan itti eegaluudha.

Sablammiin Halaabaa Seerota aadaa kanneen Afaaniin walitti dabarsaa fi qabatamaan ittiin jiraachaa Dhalootaa Dhalootatti Dhaalamaafi kunuunfamaa dhufuun har’a kan gahe ta’uun ibsameera.
Sirna kabaja Ayyaana kana irratti Jilli Gareewwan Aadaa Saboota Sablammootaaifi Ummattoota Itoophiyaa Naannooleefi Godinoota adda addaarraa dhufan hirmaachaa jiru.
Sirnicharratti Pirezidaantiin Bulchiinsa Naannoo Jiddu Galeessa Itoophiyaa Indaashaaw Xaasoo (PhD) Deetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Aadde Nafiisaa Al-Mahaadii dabalatee, Hoggantoonni Mootummaan Olaanoon Mootummaa Federaalaa, Naannoo jiddu Galesssa Itoophiyaa, Godina Halaabaafi hawaasni Naannichaa argamaniiru.
Ayyaanicha Sababeeffachuun Gamoon Bulchiinsa Godina Halaabaa Birrii Miiliyoona dhibba 461 oliin ijaarame eebbifameera.
Istaadiyeemii Halaabaa marsaa duraan birrii Miiliyoona Dhibba 6 fi Miiliyoona 23 oliin ijaarames eebbaaf qaqqabeera.
Piroojaktoota lameen dabalatee piroojaktoonni gara garaa walumaa galatti Birrii Biiliyoona 1.1’n ijaaraman eebbifamaniiru.
Mahaammad Toofiq tu gabaase