Fiilmiin seenaa jireenya Dooktara Kabajaa Abbabach Goobanaa irratti xiyyeeffate gadhiifamuuf akka jedhu ibsame.
Fiilmiin baasii Birrii Miliyoona 5 ol ta’uun hojjatame kun taatota 200 ol hirmaachisuun isaas himameera.
Sagantaa eebbaa fi maallaqa walitti qabuu ilaalchisee ibsi miidiyaaf kennameera
”Kaayyoon dokumeentii kanaa seenaa jireenyaa Dr. Abbebech Goobanaa kunuunsuu fi qajeeltoowwan jireenya ishee dhaloota itti aanuuf barsiisuudha “ jedhan Daayirektarri Waliigalaa Dhaabbata Tola Ooltummaa Abbabach Goobanaa Obbo Isheetuu Areedoo.
Eebba Fiilmiitiin alattis Hospitaala Da’umsaa fi Daa’immanii Dhaabbatichaa babal’isuuf duulli galii walitti qabuu ji’a lamaaf turu akka gaggeeffamu beeksifameera.
Sagantaan eebbaa fi galii walitti qabuu fiilmichaa mata duree “Jaalala, gara laafina, Namummaa gita hin qabne!” jedhuun kan gaggeeffamu akka ta’e ibsameera.
Almaaz Mulugeetaatu gabaase