‎Itoophiyaan Bulchiinsa Faayinaansii fooyyessuun badhaadhina ishee saffisiisaa jirti- Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing ‎Itoophiyaan Bulchiinsa Faayinaansii fooyyessuun badhaadhina ishee saffisiisaa jirti- Obbo Tamasgeen Xurunaa

‎AMN PLUS- Amajjii 8/2018

‎Itoophiyaan badhaadhina egeree ilaalcha keessa galchuun damee faayinaansii ammayyeessaa akka jirtu Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsan.

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) bakka argamanitti, konfiransii Milkii Faayinaansii Itoophiyaa kaleessa adeemsifame ilaalchisee Obbo Tamasgeen miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniiru.

‎Ergaa isaaniin dameewwan riifoormiin milkaa’inni itti argamaa dhufe keessaa dameen faayinaansii tokko ta’uu ibsaniiru.

‎Cabiinsota turan suphuun, rakkoolee yeroo ammaa dandamachuun fi egeree ilaalacha keessa galchuun Itoophiyaan damee faayinaansii ishee ammayyeessaa jiraachuus kaasaniiru.

‎Bulchiinsa faayinaansii ammayyeessuun, dhaqqabamummaa faayinaansii babal’isuun fi qabeenya biyya keessaa haaraa uumuun Itoophiyaan imala badhaadhinaa ishee saffisiisaa akka jirtu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply